Jimma Times logo
 
 
 Web  Jimma Times 
 
 
 
Mulugeetaa: “Aartii Dhimmuma Aartiif”
Credit - Jimma Times
Mulugeetaa

Jimma Yeroo: Yeroo ammaa kana dhimma aartii adeessuun addunyarratti waan baayyee maadalli kaasu miti. Waa’ee guddina afaanii fi aartii marachuun mata duree hayyuulee hedduu hawwatu hin fakkaatu. Addunyaa amma yeroo waa’ee guddina tekinooloojii kanneen akka ijaarsa warshaa Nikileerii mari’atanirra gaheera.
Haatahu malee uummanni Oromoo yoo waa’ee aartii, aadaa fi afaan isaa odeessee nari’ate hedduu fudhatama qaba.Sababiin isaas yeroo ammaa kana Oromoo mata duree kanarratti mari’achuun guddina aartii, aadaa fi afaan isaaf gumaacha waan gabuufiif Sadarkaa aartiin addunyaa irra jirurraa gahuuf adeemsi ykn karaan akka mudhii lafaa dheeratu nu hafa.Adeensa kana jalqabneera.Kanaaf raagaa kan tahan immoo muuziqaalee,barreefamaalee fi filmiin adda addaa gara gabaattii bahaa jiru. Muuziqaa fi barreefamaleen lakkoofsaan waan filmii caalaniif kana kana jedhanii maqaa dhahuun yoo hin dandahamnellee filmii kanneen akka “Eelaa” fi “Hadhaa” Oromiyaa keessaatti gabaara jiran maqaa dhahuun danda’ama.
Eelaan filmii yeroo duraaf biyya Oromiyaa keessaatti hojjetamee gabaarra oolee. Piroo- dakshiinii fi rakkina suuraa darbee darbee yoo qabaatellee sadarkaa aartii Oromoo hanga tokko dabaleera. Abirhaam Jaalataa gumaachi inni aartii Omomoof gaadhe seenaa keessaatti galmeefamee ol kaa’aameera. Abirhaam seenaa gal meesisuurra darbee hordoftoota isaa horachaajira. Mulugeetaa Hayilee barreessaa fi qophessaa filmii Hadhaatti.

Hadhaatiin waanti Eelaa irraa adda taasisuu hedduun isaa akkuma jirutti tahee Hadhaan, filmii Oromoo yeroo jalqabaaf mana siniimaa Finfinnatti argasiisamuusaatti. Daawwattoonnii Oromoo guyyaa gaafa duraa gara mana siniimaa kanaa deemaa hedduu turan. Guyyaan sun “Du’aa ka’uun” filmii Oromoo har’a nama jechisiisa ture. Waan nama gaddisuu garuu Otoo yeroo hedduu mana siniimaa kanatti hin ilaalamiin torbaan lamaa booda addaan citeera. kunis daawwattoonni filmichaa waan akkamalee xiqqaadhaa dhufeef. Sababaan lakkoofsi daawwatoottaa hir’achaa dhufe yoo sirriitti hn beekamu tahellee hubbannaa dhabuu ykn dhimmaa koo miti jedhuu tahuuni danda’a.

Nuyis filmii yeroo jalqabaaf siniimaa Finfinnetti iladalama kana arginee marsaa inteneetii keenyaaf Otoo gaaffii fi deebii barreessaa fi qopheessaa filmii “Hadhaa” waliin taasisuu filaneera. Mulugeetaa Hayilee gaaffii fi deebii Jimmaa Yeroo walii taasisuu fedhii qabaachuusaatii maqaa dubbistoota keenyaan galateefanna.

Yeroo - Mee aartiin Oromoon eessaa ka’ee har’a eessa jira ?

Mulugeetaa – sirnoota mootoota Itoophiyaa bulchaa turan keessatti Oromoon akka saba tokkootti aadaa, afaan, eenyummaa fi aartii isaas dhabee ture. Kanaaf uummatiichi aadaa isaa sirritti hin beeku. Aadaa fi afaan Oromoo Otoo guutummatti hin badiin hafuunsaa iyyuu Oromootiin carraa gabeessa taasisa. Tooftaa fi shira garaa garaan akka uummanni kun aadaa, afaan , eenyumma fi aarii isaa dagatu taasisamee ture. Gama aartiinis waan amma nuyi beeknu haagi tokko namoota seenaa qorataniin yookiin beektoota Oromoon kan nutti himamee. Uummaani waa’ee aadaa isaa hubannoo gahaa hin qabu. Kanaafuu yeroo gabaabaa keessatti aartii kana guddisuu hin dandeenye. Ammas Taanaan aartiin Oromoo baayyee duubatti hafeera. Sadarkaa aartiin Oromoo ammaa irra jiru kan Oromoo qabbaneesu Otoo hin tanee kan garaa isa nyaatu.sadarkaan aartii oromoo amma irra jiru waan nama boonsu miti.

            Free Image Hosting at www.ImageShack.usYeroo – Filmiin Oromoo yeroo jalqabaaf mana siniimatti agarsiisame ‘ Hadhaa’ dha. Akkasumas diraamaalee, taphoolee fi filmiileen Oromoo gabarra amma jiranis baayyee xiqqodha. Kuni maliif sitti fakkaata?

Mulugeetaa - Rakkoon kun hidda yookii madda adda addaa qaba. Tokkoffaan ,aartiin Oromoo akka karaa filmii, diraamaa, fi muuziqaa argamu hin barbaadamu ture. Oromoo akkuma afaan isaan dubbatullee hin eeyyamamuuf ture.kuni otoo jiru akkamitti aartiin Oromoo akkanitti baayyachuu ykn guddachuu danda’a? Hilumaayyuu . aadaa, afaan fi aartiin sada tokkoo guutummaa biyyitti keessaatti olaantummaa qaba ture. Aadaa fi afaan tokko jechuun aadaa, Afaan fi aartiin sabaafi sablammii akka hacuucamu taheera. Kanammoo uummannis waan toole jedhanii fudhetaa fakkaatu ture. Namoonni aadaa fi afaan isaanii mul’isuuf dhama’an yoo jiraataa lakkoofsi isaanii xiggoo dha.
Inni gara biraa immoo rakkoo uummata Oromoo gidduu jiru. Oromoon tokkummaa hin qabu.oromoon ilaalchaan, amantiin fi lagan walqooduu ture. Otoo waliigaltee hin qabaatiin akkattii waan aadaa ,aartii afaan keenyaa mari’anna? Dhiibbaa kun aartii oromoorra geesise kan qaamni gara biraa irra geesidee gad miti..
Eegaa amma amma dargaggooni Oromoo gara aartii kanaatti dhufaa jiru.Aartii kana bakka kufee ol kaasuuf hojii abdii namaaf laatu jira.kanaafuu filmii ‘Hadhaa’ kan jalqabaa tahuunisaa fi akka barbaadametti filmiin Oromoo gabaa irratti argamuu dhiisuun isaa waan nama dinqu hin tahu.

Rakkinni yeroo ammaa mul’achaa jiru immo Afaan Oromoon filmii yookin sirba sirbuun siyaasa waliin walqabsiisuutti jira. Fakkeenyaf nuyi yeroo filmii kana jalqabne Isponserii barbaanne ture. Dureeyyii Oromoo tahan yookiin qabeenya Oromoon badhaadhaan akka isaanii filmii kanaaf ispoonserii akka tahan gaafanneerra.Haatahu malee deebii isaan nuuf kannaan kan baayyee nama ajaa’ibu ture “Otoo Afaan Amaaraan” tahee ispoonserii gochuu dandeenya ture kan jedhu ture. Kuni egaa maal agarsiisa ? Filchi Afaan Oromoon waan taheef dhimma siyasaan wal qabsisuuf dhama’uu agarsiisa. Kunis rakkoo amma aartii Oromoo fuuldura akka tullutti dhabate.

Yeroo – Adeemsa hojii filmii Hadhaa keessaatti rakkoo isani mudate maal?

Mulgeetaa – Seenaa filmii keenyaa keessaatti ijoollee laakkuu lamatu ture. Taatooto ijoollee lakkuu kana bakka bulaan barbaacha lafa nu hin dhaqne hin jiru. Ijoollee Lakkuu Finfinneetti arganee baatii tokkoof leenjifne ija irraa dhabne. Kun rakkoo guddaa adeemsa hojii filmii kanaa keessaatti nu mudate. Kanaafuu teknooloojii fayyadamuu nami tokko lama taasiisuu ttii fayyadame.

Yeroo – Xiyyeefannoon ‘Hadhaa’ maali?

Mulugeetaa- Filmii Hadhaa rakkoo Oromoo kaleessaa fi har’aa irratti Xiyyeefata. Bu’aa yookiin rakkoon rakkoleen darban sun horan irratti Xiyyeefata. Rakkoo walwallaaluu fi tokkummaa dhabuu Oromoo jireenya maatii tokkorratti Xiyyeefachuun mul’isuu yaala.
Walwallaanuun rakkoo inni fiduu fakkeenya maatii tokkoon ibsa jechuun dha.Ejjennoo fi ilaalacha qaama kamiyyuu hin callaqisisuu.

Yeroo- kanaafuu furmaata yookiin fala maal akeeka filmiin keessan?

Mulugeetaa- filmii kan isa kutaa duraa keesaattii fala hin keenye. Filmii kun itti fufa. Isa kutaa lammaffaa keessatti fala filmiin kun dhawu qaba. Ammas garuu oromoo tokkumma keessan eegadhaan yaada jedhu of keessaa qaba.

Yeroo - aartiin oromoo irra caalaaan isaa akka barbaadameetti hin ibsamne . Inni jirus aartin oromoo baadiyaa jiratu qofa kan mul’isu dha. Innuu sirriitti hin hojjetamne. Oromoo magaala- biyyoota alaas n jiraata. Jiruu fi jireenya jarreen kanaas kan mul’isu madiif hin hojjetamne? Ati kanarratti maal jetta ?

Mulugeeta – gaafa filmii kana jalgabane waan nuyi goone filmii, diraama, kilippii fi tapha garaa garaa oromoo jiraan ilaallee ture. Iskiriin oromoo keessatti oromoon mana farsoo, daadhii, haraqee tahee, nama machaa’ee namuusa isaa hin eegganne fi haalli uffannaa issa kan hin bareenne. Jiruu fi jireenya boodatti haafaa malee kan qaroomina kan kessatti hin argamne tahee argama.
Waan amma ammaatti arginu haawwaasichi raawwatee kan duubatti hafe fakkeessa. Iskiriiniin oromoo kun oromoo qaroominaa irra fageesseera . kanaf egaa kana geeddarra jennetti kaneera. Filmiin Hadhaa kan keessaa tekinooloojiin ni jira. Ijoolleen lakkuu seenaa filmii kana keesaa jiran data yookiin odeefannoo garaa garaa kumpiyuuteeraa, mana baankii fi kkf irraa tooftaa addaan hatu. Taatoonni filmii kana amma danda meeetti gama hundaan akka oromoota warra magaalaa jiraatanii fi dureeyyota ibsan yaalameera. Walumaagala oromoon asi jira jechuuf dhama’ameera.Oromoon qaroome baratees jira waan taheef isaanis filmii kun ni agarsiisa.

Yeroo - aartii oromoo guddisuuf warri hojii aartii kanarratt bobba’anis tahe warri aartii kana ilaalan maal gochuu qabu jetta?

Mulugeetaa- Aartii oromoo guddisuudhaaf oromoon hundumtuu harka walqabachuu qaba.Aartiin oromoo daldalaaf qofa kana hojjetamu otoo hintaane guddisuuf.Aartiin oromoo gabsoo irra jira. Qabsoo kana harka walqabannee galmaan gahuu dirqama oromootaatti..
Filmiin tokko kanaan dur hojjetamete ture.Namni filmii kana hojjete amma eessa jira ? malirra jira ?Namni kun filmii lammaffaa hojjechuuf yaadee ture. Fixaan i bahuuf hin dandenye. kanaaf baayyee abdii kutatee jira. kan keenyaas tahe akka eegnetti hin argamee.Uummanni oromoo yeroo itti taa’ee warraa hojii aartii kanarratti bobbaa’ an qofaatti hojii kana dhiisuu miti.Yeroon kun yeroo itti harka walqabatani aartii kana guddisu dha.Yeroon kun yeroo namni tokko ykn namni lama aartii oromoo guddisu miti.

Hawwaasin oromoon o barnootaan, hubannoon, ilaalchaan sadaakaa garaagaraa irra waan jiruf aartii kana hundessufu yeroo fi humna hedduu ni gaafata taha. Garuu warri guddinna aartii oromoof garaa isaa nyaatu kanarratti nu gargaaruu qabu. Fakkeenyaf filmiin keenya biyya bakkeetti gabaara jira .Hatahu malee namni tokkoyyuu yaada nuuf hin laannee .Jabaadhaa yookiin hojiin keessaan sirrii miti kan nuun jedhu hin jiru .kun humna nama buusa.

Inni gara biraa guddin aartii oromoo irraatti dhiibbaa fidaa jiru mirga maxxaansaa (copy right ) dhabuu isaati .kun aartii oromoo irratti miidha guddaa irraan geessaa jira.Duraan aartii oromoof xiyyeefannoo hin kennamne ture. Ammaa yeroo dhaloonni si’anaa xiyyeefannoo itti keennaniin ka’an teknooloojiin koppiin kun humaa isaan laaffisaa jira. Otoo aartii oromoo hundeen lafa hin qabatiin kun dhufuun isaa rakkoo fidaa jira. Kanaafuu yoo aartiin oromoo haa guddatu jenne uummaani oromoo qarshii lamaa fi sadiif jedhee otoo koppii bituu dhiisee orijinalaa bitatee furmaata jedheen yaada.

Rakkoon gara biraa aartima jiranillee uummata oromoon gahuuf haalli mijaawaan hin jiru. Fakkeenyaf tapha, diraamaa, fimii fi muuziqaa oromoo uummata oromoo finfinnee jiru bira gahuuf galmi tokkoo hin jiru. Galmi oromoo tokko otoo Fimfinnee keessa jiraate guddina aartii oromoo gumaacha kana hin jedhamne qaba.
Eegaa aartii kana guddisuuf oo’i jiraachuu mala .Qamni kamillee aartii kanaaf oo’uu qabu. Fkk kanaan dura beeksisa aartii yeroo televizinii Itoophiyaattiin beeksisamu gatiin beeksisaa xiqqoo ture Amma gruu kun hafeera kun otoo itti fufeera tahee gaarii tahuun dabalata namoota aartii kanarratti boobba’aanillee ni jajjabeessaa .

Yeroo – hojii aartiitti bahuun akkas sodaachisaa yoo tahe aartiin kun akkam haatahurree? yoo hojii kanaatti bobba’an kisaaraa yoo tahe ,yoo dhiisaaii taa’an immoo ittuu ni baduba’a. Maal tahuu qaba jetta?

Mulugeeta –waan asirratti jedhu waan tokko.Rrakkoo jiru baraanii yoo itti seenaan baayyee gaarii dha. Firri aartii oromoo eenyurree? Firrii aartii kana oromooma waan taheef rakkoon jiru barree yoo itti seenaan duubatti hin deeyii daabi’an.Oromoon walitti dhufanii ,adda wayii uumanii yoo hojjeta wayya.Namoonni ogummaa qaban ogummaan isaaniin ,warri mallaaqa qaba mallaaqan, warri kaan immoo yaadan,waan waan qabaniin walgargaaru .Dhaloota dhufuuf ambaa dabarsuu dirqama keenya waan taheef abdii kutuun hin barbaachiisu.Namni dhalaatee buddeena nyaataa yoo daarbe hiikaa hin qabu. waan uummata, biyyaa fi dhaloota gara fulduraa gargaaru hojjetaaii darbuun ergama nama kamiiti.Kanaafuu wareegama aartiin kun nama kaffalchiisu kaffaluun aartii oromoo kana bakkaan haa geenyuun dhaamsa kootti .

Yeroo – aartii oromoo ilaalchise waan dabata dubbachuu barbaadu .

Mulugeetaa- warri adiin akkas jedhu “ art for art sake only” aartiin dhimmuma aartii qofaaf. Aartiin egaa qamaa yookiin ilaacha dhaaba tokkoo otoo hin tahu tahee gaarii dha. Aartiin saba tokkoo jiruufi jireenya hawaasa tokkoo kan ibsu tahu qaba. kanumaaf otoo aartiin jiraate.

Yeroo: Galatoomi

Mulugeetaa: Atis galatoomi.

Post A Comment
* Indicates required information
Comment Title:
* Comments:
Nickname:
* Validation:
Comments 0 comments for this article
 
Article Popularity
Views
Comments